Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC) – Ithiyoophiyaatti qaroo dhabeeyyii kuma 3’f yaalli Agartuu ijaa deebisanii dhaabuu taasifamuu ibsameera.
Tajaajilli Tishuu Itiyoophiyaa fi Baankii dhiigaa,Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Yuuniversiitii Jimmaa waliin ta’uun Baankii ijaa Haaraa Yuunivarsiitii Jimmaatti banamuuf jedhurratti qaamolee hawaasaa garagaraa waliin marii taasisaniiru.
Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaan, Qorannoo yeroo dheeraaf taasifameen qaroo dhabeeyyiif tajaajjilli Baankii ijaa giddu gala Yuuniversiitii Jimmaatti banamuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Guyyaa Baankiin ijaa hundeeffame kaasee namni fedhii qabu gaafa waayita lubbuun darbe qaroo isaa arjoomuun hojii gaarii irratti akka hirmaatu ergaa dabarsaniiru.
Giddu gala yaalaa Yuuniversiitii Jimmaatti ji’a 6 booda tajaajilichi kan eegalu yoo ta’u, Yaalli agartuu ijaa bakkatti deebisuu kun Ithiyoophiyaatti isa 2ffaa ta’a jedhan Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa Dooktar Ashannaafi Taazzabaw ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Namoonni kumni 300 rakkoo qaroo ijaaf kan saaxilaman yoo ta’u,Erga jalqabamee waggaa 21 keessatti namoota Kuma 3’f yaalli qaroo ijaa deebisanii dhaabuu kan raawwatame ta’uu eerameera.
Akka giddu gala yaala Yuuniversiitii Jimmaatti ammoo namoota 300f yaalli agartuu ijaa bakka buusuu taasifamuu eeraniiru.
Samiiraa Muhaammadyaasinii fi Warqaafarraw Yaalawtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia