Itaamaajoor Shuumiwwan Waliigalaa biyyoota baha Afrikaa haala raawwii dirqama Somaaliyaarratti mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Itaamaajoor Shuumiwwan Waliigalaa biyyoota baha Afrikaa haala raawwii dirqama Somaaliyaarratti mari’ataniiru.

Itaamaajoor Shuumiwwan Waliigalaa biyyoota baha Afrikaa dirqama AMISOM irratti hirmaachaa turanii gara Ityoophiyaa dhufan Fiildmaarshaal Birihaanuu Julaa waliin mari’ataniiru.

Kaayyoon marichaa dirqama Somaaliyaarratti hubannaa waloo qabachuuf ta’uu ibsameera.

Marichaan sosochii humna waraanaa Somaaliyaa keessa jiruu fi dhimmoota ittaanan irratti bal’inaan mari’achuu eerameera.

Yeroo ammaa kanattis Gamtaa Arikaatti mariin qooda fudhattootaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Maricharratti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Ityoophiyaa dabalatee Itaamaajoor Shuumi Waliigalaa  Keeniyaa, Ugandaa, Burundii fi Somaaliyaa akkasumas Ittaanaan Itaamaajoor Shuumi Waliigalaa Jibuutii hirmaachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment