Israa’elitti agarsiisni qabeenya tuurizmii Ityoophiyaa beeksisu dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Israa’elitti agarsiisni qabeenya tuurizmii Ityoophiyaa beeksisu dhiyaachuu ibsame.

Agarsiisaa fi yaa’ii tuurizimii idil addunyaa Israa’elitti gaggeeffamerratti agarsiisni qabeenya tuurizmii Ityoophiyaa beeksisu dhiyaachuu ibsameera.

Sagantaa baniinsa yaa’ichaarratti preezdaantii Israa’eel Miir Ayzaak Heerzoog, Ministirri Ministeera Tuurizmii Israa’el, bakka buutonni mootummoota biyyoota garaagaraa fi qaamoleen garaagaraa damicharratti hirmaatan argamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Agarsiisa Tuurizmii idil addunyaa kanarratti biyyoonni garaagaraa hawwata tuurizmii biyyasaanii dhiyeessaniiru.

Agarsiisicharratti Imbaasiin Ityoophiyaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa waliin ta’uun bakkeewwan hawwata tuurizmii Ityoophiyaa suuraan qopheessuun dhiyeessaniiru.

Israa’elitti Imbaasiin Ityoophiyaa xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kennurratti ibsa taasisuun Ityoophiyaa akka daawwataniif hirmaattotaaf waamicha taasiseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment