Israa’elii fi Ijipt waaliigaltee gaazii uumamaa Gamtaa Awurooppaaf erguu isaan dandeessisu mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Israa’elii fi Ijipt waaliigaltee gaazii uumamaa Gamtaa Awurooppaaf erguu isaan dandeessisu waliif mallatteessuu ibsame.

Biyyoonni lameen gaazii uumamaa gara Awurooppaatti erguuf waliigalteerra kan ga’an oomishni gaazii Raashiyaarraa galchan dhaabachuu hordofee hanqina humnaa isaan mudateen ta’uu CGTN gabaaseera.

Ministirri Ministeera Anniisaa Israa’eel Kaariin Eelhaaraar, waliigaltichi mallattaa’uun ga’ee Israa’eel dhiyeessii anniisaa gabaa addunyaarratti qabdu kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Israa’eel gaazii uumamaa gama galaanaarraan gara Awurooppaa kan ergitu ta’uus ibsameera.

Hogganaan Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voon, Ministirri Ministeera Boba’aa Ijipt Taareek Eel Moolaan akkasumas Ministirri Ministeera Inarjii Kaariin Eelhaaraar waliigaltee gam-sadee mallatteessuu gabaafameera.

Waliigaltichi gamtichi hirkattummaa Raashiyaarraa bilisa akka ba’uuf kan gargaaru ta’uu Hogganaan Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voon ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment