Israa’eel muuxannoo gama carraa uumuutiin qabdu Ityoophiyaaf qooduuf qophiidha jette

Finfinnee, Adoolessa 21,2014 ( FBC)- Israa’eel muuxannoo gama carraa hojii uumuutiin qabdu Ityoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu ibsite.

Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamiil Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Allalliny Admaasuu waliin mari’ataniiru.

Aadde Muufariyaat ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Israa’eel biyya hojiilee daldalaa bu’aa qabeessa ta’an qabdu, bakka ga’umsa invastimantii olaanaa addunyaa kanaafi teeknooloojii fi carraa uumuun dirree mijataa biyya qabdu ta’uu eeraniiru.

Israa’eel haalota rakkisoo keessa darbuun lakkoofsa hpojii dhabeeyyii hir’isuu danda’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti muuxannoo ishee kana gara Ityoophiyaatti fiduufi qooduuf kutannoo qabaachuu ambaasaaddarichi ibsuu aadde Muufaariyaat eeraniiru.

Dabalataanis leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraan humna namaa Ityoophiyaa ga’oomsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Biyyoonni akka Ityoophiyaa guddinarra jiran muuxannoo gaarii biyyoota biroo fudhachuun rakkoolee isaanii hiikuufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment