Ispoortiin bu’uura hawaassummaa akka qabaatuufi of danda’ee akka socho’uuf bulchiinsi magaalaa deeggarsa ni taasisa-Aadde Adaanaach Abeebee

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Ispoortiin bu’uura hawaassummaa akka qabaatuufi of danda’ee akka socho’uuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa akka taasisuu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanaach Abeebee ibsan.
Yaa’iin Mana maree Ispoortii magaalaa Finfinnee 12ffaa gaggeeffama jira.
Yaa’icharratti haasaa kan taasisaan aadde Adaanach,ispoortii nageenyaa, fayyaa fi hariiroo hawaassumma akkasumaas ga’een inni tokkummaa keessaatti qabu olaanaa waan ta’eef sirnaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Ispoortiin sadarkaa idil addunyaa Ityoophiyaa waan beeksiseef bu’uura hawaassummaa akka qabaatuufi of danda’ee akka socho’uuf bulchiinsi magaalaa deeggarsa barbaachisuu akka taasisuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment