Ispoortiin biyyaafis dhuunfafis faayidaa hedduu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Sirna Badhaasaa Ispoortii EBC – Baankii Daldalaa marsaa 4ffaaf gaggeeffamerratti kan argaman Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ispoortiin biyyaafis dhuunfafis faayidaa hedduu qabaachuu ibsaniiru.

Dhimmoonni Ispoortii fi biyya walitti hidhan jiraachuu eeraniiru.

Ispoortiin dhamaatii dhuunfaa fi garee gaafatus, ga’umsaa fi dandeentii dhuunfaa, akkasumas bu’aa waloo galmeessuu barbaachisa jedhan.

Lammiileen waloon ida’amuun haala biyyaa yeroo itti aanuu murteessuuf dandeessisa jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Damee Atleetiksii dhiirootaan Atleet Salamoon Baraggaan Atleetii cimaa bara 2013 ta’uun filatamuu ibsameera.

Abbubak Naasir taphataa cimaa Kubbaa miilaa bara 2013 ta’uun filatamuu EBCn gabaaseera.

Leenjisaa Siyyuum Kabbaan leenjisaa cimaa kubbaa miilaa ta’uun filatameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment