Ispookiyoowwan konkolaataa hataman dhibbi 2 ol boolla keessa dhokfamanii argamuu ibsame

Finfinnee, Mudde, 2015 (FBC) – Ispookiyoowwan konkolaataa yeroo garaagaraatti hataman dhibbi 2 ol boolla keessa dhokfamanii argamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Ispookiyoowwan kanneen boolla keessatti kuusuun kan shakkaman namoonni lamas to’atamuu poolisiin eereera.

Shakkamtoonni kunneen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 1 bakka Ameerikaan Gibbii jedhamutti to’atamuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa yeroo garaagaraatti ispookiyoon jalaa hatame ragaalee isaanii dhiyeessuun qajeelcha poolisii kutaa magaalichaatti argamuun qabeenyi isaanii jiraachuu mirkaneeffachuun akka fudhatan poolisiin ergaa dabarseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment