Ispeen labsii yeroo ariifachiisaa keessee turte, kaaste

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Ispeen sababa vaayrasii koroonaaf labsii yeroo ariifachiisaa keessee turte kaaste.

Biyyattiin daangaa ishee biyyoota miseensa Gamtaa Awrooppaaf banaa taasifteetti.

Kanarratti hundaa’uun lammiileen Ispeen firoottan isaanii baatiiwwaniif addaan ba’aanii turan waliin walgaafataa jiru.

Poorchugaalii fi Biriitaaniyaarra darbee lammiileen biyyoota garaagaraa gara Ispeen seenuu jalqabaniiru.

Imaltoonni wayita Ispeen seenan haguugduu afaanii fi funyaanii uffachuun yeroo socho’an ammoo qorannoon ho’ina qaamaa ni taasifamaaf.

Dabalataanis Ispeen erga seenaniin booda dirqama iddoo turan beeksisuu qabu.

Maddi:-Aljaziira

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment