Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) – Ispeen hamma Rooba Baatii tokkoof gahu sa’attii tokko keessatti keessummeessuun lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uu ibsame.
Torbee lama dura Ispeen Vaaleenishiyaatti rooba cimaa roobeen lubbuun lammiilee hedduu darbuun kan yaadatamuudha.
Har’a biyyattiitti roobni baatiif gahu, sa’aatii tokko keessatti roobuu hordofee lammiileen biyyattii hedduun qa’eef qabeenya isaanirraa buqqa’uu eerameera.
Naannawaa Maalaagaatti lammiileen kumni 4 ol yoo buqqa’an, manneen kumni 1 ol faayidaan ala ta’uu ibsame.
Roobni kun ammas hanga galgalaatti Maalaagaa, Giraanaadaa hanga Vaaleenshiyaatti ittu fufuu akka danda’u CNN gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia