Islaamummaan nageenya waan ta’eef hordoftoonni qaamolee amantaafi saba da’eeffachuun nageenya booressan saaxiluu qabu-Obbo shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Islaamummaan nageenya waan ta’eef hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi qaamolee amantaafi saba dawoo godhachuun nageenya ummataafi biyyaa booressuuf socho’an saaxiluu akka qaban Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

“Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Marti Baga Ayyaana Arafaa Waggaa 1443ffaaf Nagaan Geessan!” Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Ayyaanni Arafaa Ayyaana aarsaa jedhamuun hordoftoota amantichaa biratti beekama. Ayyaanni Iid Al Adahaa /Arafaaa akka Rabbi guddaan Qur’aana keessatti dubbateen Nabi Ibraahiim ejjannoo inni amantaa isaa irratti qabu qoruuf ilmasaa Ismaa’eel umrii manguddummaan argate aarsaaf akka dhiyeessuuf gaafatame.

Nabi Ibiraahimi ajaja Rabbiif hayyamamaa ta’uun osoo garaa hin hiriin, mamii tokko malee ilmasaa tokkicha rabbii isaaf kenne.

Ilmasaa akka malee jaalatu Isimaa’eliin aarsaaf qopheesse.

Ismaa’ilis maaliif akka abbaan isaa isa qopheessaa jiru yoo gaafatu akka ajajni rabbirraa itti dhufee sababa kanaan aarsaaf isa qopheessaa jiru ifatti yoo itti himu, Ismaa’ilis erga ajaja rabbii guddaa ta’e gara laafina malee akka raawwatu itti hime. Inumaa yoo aarsaa nagootu akka harkaan sin rakkifne harka koo duubatti hidhii ajaja Rabbii raawwadhu jechuun Ismaa’eel abbaa isaatti hime.

Nabi Ibraahimis kana gochuuf yoo gara Gaara Arafaatti ol baasu Rabbiin abbaan raahmataa hoolaa qalmaa bakka buusuun Ismaa’eel osoo aarsaa hin ta’in isaan lachuu du’arraa oolche.

Akkuma Nabi Ibraahim ajaja rabbii isaa guutetti qajeeltoo amantaa Islaamaa kan ta’e nageenya labsuu, jaalala obbolummaa baay’isuu, tokkummaa jabeessuu, misoomaafi hojii tola ooltummaa irratti cimsinee hojjechuun waan amantii keessatti labsamu raawwachuu qabna.

Amantaan Islaamaa akkuma maqaa isaa nageenya waan ta’eef, hordoftoonni amantichaa bakka hunda nageenyi waaraan akka jiraatu, lubbuun ilma namaa rabbiin biratti ulfina olaanaa qabdu karaa kamiinuu akka hin gaaga’amneef dirqama amantaa keessanii akka baatan dhaama.

Ayyaana Arafaa wayita kabajanu aarsaa Nabi Ibraahim taasise yaadachaa, waan qabnuufi waan dandeenyu hundaan harka qalleeyii gargaaruu, kan daare uffisuufi namoota balaa uumamaafi nam-tolcheen rakkoof saaxilaman qaamaaf qalbiin bira dhaabbachuun duudhaa amantii keessatti mul’atu hojirra akka oolchitan dhaama.

Rakkoowwan garaagaraa yeroo ammaa naannoo keenyatti darbe darbee mul’atu waan amantaa kamuu keessatti fudhatama hin qabne rawwatamaa jiru dura dhaabbachuun humnoota amantaafi uumaa hin kabajne uummanni bal’aan caasaa mootummaa waliin ta’uun yaaddoo nageenyaafi misoomaa akka hin taane gochuu qaba.

Islaamummaan nageenya waan ta’eef hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi qaamolee amantaafi saba dawoo godhachuun nageenya ummataafi biyyaa booressuuf socho’an saaxiluun barbaachisaadha. Ayyaanni kunis nagaan kabajamee hanga xumuramutti naannoo keenya to’achuu, qaamolee duudhaa amantichaa faallaa socho’uuf yaalanis adda baasuun qaamolee nageenyaaf odeeffannoo kennuun gahee keessan bahuu qabdu.

Akkuma Nabi Ibraahim ajaja rabbii isaa guutuuf ofirratti murteesse, jaalattoonni nageenyaafi biyya isaaniif kabajaafi jaalala qabdan hundi nageenyaafi misoomni barbaadamu akka galma gahuuf mootummaa wajjiin ta’uun aarsaa barbaachisu kaffaluun biyya keenya karaa hundaan ceesisuuf akka hojjattan waamicha koo dabarsaa irra deebiin Baga Ayyaana Arafaa nagaan geessan jechuun fedha.

Ayyana gaarii!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Adoolessa 1/2014

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment