Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti Sanbata darbe eegale lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa jiraachuu ibsameera.
Hanga ammaatti gama Isiraa’eliin lammiileen 900 ta’an lubbuun yoo darban, haleellaa deebii Isiraa’el raawwachaa jirtuun ammoo Gaazaatti lammiileen Fiilisxeem 690 ajjeefamaniiru jedhame.
Isiraa’el garee Hamaas irratti humna guddaa kan fayyadamtu ta’uu Muummeen Ministiraa biyyattii Beenjaamiin Netaanyaahuun beeksisaniiru.
Gaazaan guutummaan guutuutti akka marfamtu ajajaniiru.
Dhiyeessiin nyaata, boba’aa, elektiriikii fi bishaan addaan cituun Gaazaan guutummaatti akka marfamtu ajajuu isaanii ibsameera.
Ameerikaan meeshaalee waraanaa galaanaafi qilleensarraa Isiraa’eliif erguun deeggarsa agarsiisaa jirti jedhame.
Biyyoonni Lixaa tokko tokkos Isiraa’el kan deeggaran ta’uu ejjennoo isaanii ibsaa jiru.
Gama biroon Kataar Hamaasiifi Isiraa’el gidduutti jaarsummaa eegaluu ibsiteerti.
Ministeerri Dhimma Alaa Kataar Hamaasiifi qondaalota olaanoo Isiraa’el gidduutti dubbiin nagaa buusuu akka eegalu jaarsummaa taa’aa akka jiru beeksisuu BBCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.