Isiraa’eel waraana Kibba Gaazaatti gaggeessaa jirtu sa’aatii hin murtoofneef dhaabuuf waliigalte

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Marii Ameerikaa fi Ijipti waliin taasiifamaa ture hordofee Isiraa’eel waraana Kibba Gaazaatti gaggeessaa jirtu sa’aatii hin murtoofneef dhaabuuf waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Waliigaltichi daangaa Raafaah Gaazaa fi Ijipti gidduu jiru banuuf haala mijataa kan uumu ta’uu‘ Za Giloobal And Meeyiliin’ gabaaseera.

Waliigaltichi yeroo hanganaati jedhamee wanti ifoome hin jiru.

Daangichi akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti hanga halkan sa’aatii 5 banaa akka ta’u waliigalameera jedhame.

Waraanni Isiraa’eel dhimmicha ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhe hin jiru jedhameera.

Akkasumas gama Gaazaan wanti dhaga’ame hin jiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment