Isiraa’eel Ajajaa waraanaa olaanaa Hamaas ajjeesuu beeksiifte

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Waraanni Isiraa’eel haleellaa Xiyyaaraa raawwateen ajajaa olaanaa fi miseensoota Hamaas hedduu ajjeesse beeksiseera.

Haleellaa Xiyyaarraa Gaazaa Sirxitti raawwateen Ajajaa Waraanaa Olaanaa Hamaas Ibraahiim Bii’arii jedhamu ajjeessuu ibseera.

Ajajaa Olaanaan kun haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2016 Isiraa’elirratti raawwatame kan qindeessan keessa isa tokko ta’uu Raayyaan Ittisaa Isiraa’eel ibseera.

Waraanni lafoo Isiraa’eel duula gaggeessaa jiruun iddoolee Hamaas qabatee turee fi Bu’uuraalee misoomaa isaa to’achuu beeksiseera.

Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru kun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa jiraachuu ibsameera.

Sababa kanaan biyyoonni garaagaraa gochicha yoo balaaleeffatan Ameerikaa fi Biyyoonni Lixaa deeggaraa jiraachuu Rooyiters gabaaseera.

Haleellaa Isiraa’eel Gaazaa Sirxitti gaggeessaa jirtuun hanga ammaatti lammiileen Filisxeem kumni 8 fi 500 ol ajjeeffamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment