Irreechi wiirtuu tokkummaaf obbolummaa, calaqqee heddummina keenyaati – Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraan ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Irreechi wiirtuu tokkummaaf obbolummaa, calaqqee heddumminaati jedhan.

Guutuun argaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Marfata waggaa hojii harka uumaa ta’een bacaqiin gannaadarbee samiin duumessaan haguugamee lafa dukkaneesses ifee birraan yoo bari’u Oromoon kutaalee hundatti argamutokkummaan wal argee, sabaafi sablammoota biroo waliinis gammachuun wal gahee waaqa lafaa fi samii miidhagina goonfachiisee, uumama hundaa sirneessee gumaache kan ittigalateeffatu jala bultii ayyaana Irreechaa irratti argamna.

Ayyaana kabajamaa duudhaan obbolummaa, dhiifamaa fi araaraa itti calaqqisu kan uummata Oromoo bira darbees sabaa fi sablammoota biyyattii hunda biratti hawwii fi kabaja ol’aanaadhaan eegamu Irreecha bara 2017tiin nagaan ittiin isingahe, ittiin nu gahe yemmuun jedhu gammachuu guddaadhaani.

Faajjii tokkummaa fi obbolummaa dirree gaarummaa fi walqixxummaa kan ta’e Irreechi ayyaana guddaa duudhaalee gaggaariin nagaa fi araara labsan, dhiifamaa fi jaalala dhugaa dagaagsan akkasumas waliin jireenya uummataa cimsanhedduudhaan guutamee lammiilee miiliyoonotaan lakkaahamaniinis faayamee kan kabajamu ayyaana guddaadha.
Irreechi sirna addaa namni hunduu umrii fi koorniyaadhaan,eenyummaa fi ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamin tokkummaa fi heddumminaan irratti hirmaatu yoo ta’u, waltajjiin ummataa guddaan kun qajeeltoowwan sirnichaatiinutubamee, abbootii Gadaatiin durfamee fi uffannaawwan aadaagosa garaa garaatiin simboo dabalataa horatee kan raawwatamudha.

Bu’uura nageenyaa, araaraa fi dhiifamaa kan ta’e ayyaanniIrreechaa sonawwan gaggaarii galaa imala jireenyaa ta’aniin kandabaalame waan ta’eef uummata Oromoofis ta’ee sabaafsablammoota birootiif wiirtuu duudhaa obbolummaa irraa qooddatan ta’uun tajaajilaa jira.

Ayyaanni guddaan kun baraabaratti guddataa fi babal’ataa, lammiilee biyya keessaa fi alaaofitti hawwataa guddina tuuriizimii fi diinagdee biyyaatiif gumaachuu irratti kan argamu qabeenya hunda keenyaati.

Yaadaafi qalbiidhaan qulqullaahuu fi kan wal dhabaniin dursanagaa buusuudhaan hirmaachuu kan gaafatu ayyaanni Irreechaa namni kamuu Irreechaaf wayita deemu jibba dhiisuu fi araaralabsuu, Irreechaa wayita deebi’us gadoo fi muffii qabachuu, dabaa fi jal’ina yaadachuurraa of qusachuu akka qabu barsiisa.

Guyyaan kun kan waaqa uumaaf uumamaatiif ta’eef galata ittigalchan waan ta’eef namuu malkaatti imaluun duratti qajeeltoowwan kanneen hojiirra oolchuun daran murteessaadha.

Kabajamtoota uummata naannoo fi biyya keenyaa,
Heddumminni keenya madda miidhaginaa fi bu’uuratokkummaa keenyaati. Eenyummaa keenya waliif kabajnee fi ida’amnee Aadaa keenyas faaya waliin jireenya keenyaa godhannee tokkummaan yemmuu dhaabbannu jabinaa fi miidhagina waliinii dabalanna.
Garaagarummaa caalaaobbolummaa dhugaa mirkaneessinee gamtaan wayita sochoonu injifannoo gama hundaa goonfanna, Biyya aarsaaf tumsadhalootaatiin eegamtee har’a geesse sirnaan ijaarree badhaadhina hunda galeessatti tarkaanfachiisuuf dhalootni har’aa miira biyyaalessummaa olaanaa ta’e goonfannee, heddummina keenyas akka carraa guddaatti fayyadamnee qindoominaan socho’uu qabna.

Irreecha bara kanaa yemmuu kabajnu duudhaawwanii fi kallattiiwwan kabaja ayyaanichaa daran cimsinee, calaqqeewwan guyyaa kanaa kanneen ta’an tokkummaa fi obbolummaa dhugaa gochaan dhugoomsuudhaan safuu fi safeeffannaa ayyaana Irreechaa kunuunsuun dhalootatti ceesisuuf tumsuun barbaachisaadha.

Irreechi dirree nagaaf araara irraa waraabbatanii fi jaalalaaf mararfannaadhaan waloon itti dhaabbatan waan ta’eef qooda fudhattootni sirna kanaa qulqullummaa alaaf keessaatiin faayamtanii, nageenya naannoo keessaniitis dammaqinaan tiksuudhaan milkaahina ayyaanichaatiif gahee adda durummaa akka bahattan dhaamuun fedha.

Xumura irratti Irreechi bara kanaa kan gammachuuf injifannoodachaa itti goonfannu, tokkummaaf obbolummaa keenya itti jabeeffannu ayyaana nagaa fi gammachuu akka nuuf ta’unhawwa.

Ayyaana Gaarii!

Kaffaaloo Tafarraa

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment