Irreechi utubaa sirna Gadaa, mallattoo galateeffannaa, nageenyaa fi obbolummaati – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Irreechi utubaa sirna Gadaa, mallattoo galateeffannaa, nageenyaa fi obbolummaati jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Fooramii Irreechaa 6ffaa bakka Abbootiin Gadaa, Haadholiin siinqee, Ambaasaaddaronni, miseensonni hawaasa Dippilloomaatii,hooggantoonni olaanoon Federaalaa,Naannolee fi bulchiinsi magaalaa,Foolleewwan, Diyaaspooraan, akkasumas jiraattonni magaalaa bakka argamanitti Galma Yaadannoo Adwaatti haalaa miidhagina gaggeeffamu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaa,jaalalaaa, tokkummaa, waloomaa fi akkasumas ayyaana obbolummaa ta’ee kabajamuu irratti argama.
Irreechi utubaa sirna Gadaa yennaa ta’u, fakkeenya galateeffannaa, nageenyaa fi obbolummaa ta’ee uummatni Oromoo dur irraa eegalee walitti dhufeenya uumaa waliin,uumama waliin,fi namoota hunda waliin qabu kan itti haarawoomsuudha jechuun eeran.

Irreecha irratti kan adda fagaate walitti dhihaata,kan walitti bu’e ni araarama.

Irreechi hora Finfinnee yeroo dheeraaf adda citee kan ture ta’uyyuu jijjiirama hordofee bakka dura itti kabajamutti deebi’uun uummattoota hundaan kabajamuu eega eegalee kunoo har’a waggaa 6ffaa isaa qabateera.

Ireechi amma raawwii aadaasaa bira dabre magaalaa keenyaa fi biyya keenyaaf hawwata tuurizimii fi madda galii bal’aa gara ta’uutti ceheera jedhan.

Carraa kanaan uummata keenyaan baga Irreecha bara 2017 tiin nagaan isin gahe jecha mana namaa hundaa kan taatee Finfinneen kabaja ayyaanichaaf gara magaalaa keenyaa keessummoota biyya keessaa fi biyyaa alaarraa dhufan simachuu irratti kan argamtu yoo ta’u, qaaliiwwan jiraattonni magaalaa keenyaa keessumoota simachuuf keessummeessa taasisaa jirtaniif maqaa koo fi maqaa bulchiinsa magaalaatiin onneerraa isin galateeffadha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment