Irreechi utubaa sirna gadaa, ayyaana galataa, tokkummaa, nageenyaa, fakkeenya araaraa fi dhiifamaati – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa baga Ayyaana Irreechaa bara 2017 geessanii dabarsaniiru.

Irreechi utubaa sirna gadaa, ayyaana galataa, tokkummaa, nageenyaa, fakkeenya araaraa fi dhiifamaati jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ayyaanni Irreechaa dukkanni gannaa bahee birraan yennaa bari’u laggeen hir’atanii lafti magariisa uffatee ababoodhaan yennaa miidhagdu biqilli gahe gahe yoo jedhu,ganni gara arfaasaatti yennaa cehu gargar bahanii kan turan kan itti wal argu ayyaana ibsituu tokkummaa fi obbolummaati.

Irreechi utubaa sirna gadaa yennaa ta’u ayyaana galataa,tokkummaa,nageenyaa, fakkeenya araaraa fi dhiifamaa ayyaana kan gargar bahe kan itti wal arguudha.

Sab-daneessummaan faayamtew,tola ooltummaan kuulamtee,harkoota ifaajaniin kan miidhagde mana hunda keenyaa kan taate Finfinneen keessumoota ishee naamusa Itoophiyummaa baratameen simattee keessummeessaa daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaas kan hawwattu miidhagina waloo keenyaa taatee jirti.

Qaaliiwwan jiraattota magaalaa keenhaa magaalaa keenya ayyanota giddu gala hawwata tuurizimii idil-addunyaa, gahuumsa Tuurizimii kanneen taasisan keessaa tokko ayyaana irreechaa waan ta’eef walitti dhufeenya uummataaf,walomaa fi guddina diinagdeef gahee olaanaa akka qabu hubachuun keessummoota simattanii waloomaa fi obbulummaa waan olkaaftaniif maqaa koo fi bulchiinsa magaalatiin isin galateeffachuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment