Finfinnee, Fulbaana 22, 2015 (FBC)- Kabajni Ayyaana Irreecha nagaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee miiliyoonponni irratti hirmaatan rakkoo nageenyaa tokko malee kabajamee xumuramuu humni walichaa beeksiseera.
Humni Waloo Nageenyaa jala bultii ayyaanichaarraa eegalee hojii dursanii ittisuu teekinooloojiin deeggarame uummata, Gamtaa Abbootii Gadaafi Koree Qindeessituu ayyaanichaa waliin qindoominaan hojjechuusaan ayyaanni irrechaa magaalota lameenitti kabajame karaa nagaan xumuramuu danda’uu eereera.
Ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramuuf gahee olaanaa kan ba’ate Uummata, Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Koree Qindeessituu Ayyaanichaa akkasumas qaamolee nageenyaa dirqama isaanii haalaan ba’atan galateeffateera.
Hawaasni hirmaannaa naannoo isaa dammaqinaan eeguun deeggarsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu gaafateera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.