Irreechi mallattoo tokkummaa, obbolummaa, madda Gammachuu fi Araarati – Obbo Dastaa Leeddaamoo

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon ergaa baga Irreecha bara 2017 geessanii dabarsan.

Irreechi mallattoo tokkummaa, Jaalalaa,Nageenyaa, obbolummaa, madda Gammachuu fi Araaraa ta’uu ibsan.

Irreechi ayyaana Ummanni Oromoo waaqa itti galateeffatuudha jedhan.

Bakka hundi garaagarummaa amantaa fi Siyaasaa malee tokkummaan uumaa itti galateeffatu ayyaana jabaa ta’uu kaasaniiru.

Ayyaanni Irreechaa sadarkaa biyyaalessaatti araaraa fi nageenya buusuuf qooda olaanaa qabaachuu himuun, kunuunsuun dhalootaaf dabarsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee ayyaana jaalalaa, tokkummaa, araaraa, obbolummaa, Gammachuu fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment