Irreechi Mallattoo Nageenyaa, Dhiifamaa fi Araaraa Ta’uu Gochaan Waan Argiisiistaniif Galatoomaa- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Irreechi Mallattoo Nageenyaa, Dhiifamaa fi Araaraa Ta’uu Gochaan Waan Argiisiistaniif Galatoomaa jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Tokkummaan jiraannaan waan hunda gochuu akka dandeenyu; Irreechi dhugumaan irree keenya ta’uus nuuf mirkaneessee jira jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhyaateera.

Uummanni Oromoo uummata nagaa jaalatu; obbolummaaf bakka kennuufi aadaan isaas duudhaa nagaa leellisuun kan guutamedha.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti karaa duudhaa, safuufi safeeffannaa isaa eegeen nagaan kabajamee xumuramuun isaas dhugaa kana mirkaneessee jira.

Abbaa ayyaanichaa kan taataniifi sirnicha eegdanii har’aan kan geessan kabajamaan uummata Oromoo uffata aadaan faayamtanii ayyaanichatti miidhagina addaa dabaluu bira dabartanii nuti warra aadaafi duudhaa gaarii qabu, nagaa jaalatuufi hammachuu beeku ta’uu keenya mirkaneessitanii jirtu.

Irreechi keenya akkuma duudhaa isaa nagaa kan tiksu, araara kan cimsuufi obbolummaa kan jabeessu ta’uu sirna kabajaa Ayyaana Irreechaa Hora Arsadeetti kabajame irrattis irra deebiin mirkaneessuun qaamota kufaatii keenya eeganitti qaanii warra gammachuu keenya nu waliin qooddatanitti ammoo kabaja waan hortaniif galatoomaa jechuun barbaada.

Tokkummaan jiraannaan waan hunda gochuu akka dandeenyu; Irreechi dhugumaan irree keenya ta’uus nuuf mirkaneessee jira.

Kanaafuu, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwan, Qeerroofi Qarreen, hooggansiifi caasaan Mootummaa Naannoo keenyaa sadarkaa jirtan, caasaaleen nageenyaa naannoo Oromiyaafi federaalaa, waliigala uummanni Oromoo hundi guyyaa jala bultii irraa kaastanii hanga xumuraatti Ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbii qabuun akkasumas hirmaattoonni ayyaanichaa rakkoo tokko malee nagaan ba’anii akka galan waan gootaniif galanni koo guddaadha.

Sabaaf sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa akkasumas keessummoonni Idil Addunyaa sirna keenya nu waliin hirmaachuun kabaja, jaalalaafi obbolummaa nuuf qabdan waan nutti agarsiiftaniif guddaa galatoomaa jechuun fedha.

Jiraattonni Magaalaa Bishooftuu keessummoota kabaja Ayyaanichaatiif gara Magaalaa keessanii dhufan fuula ifaafi miira obbolummaan guutameen simannaa taasisuun waan nu boonsitaniif galatatu isiniif mala.

Miidiyaaleen biyya keessaafi biyya alaa Afaanota garaagaraatiin Ogummaa keessaniif amanamtanii Ayyaanni Irreechaa mallattoo araaraafi nagaa, faajjii tokkummaafi obbolummaa ta’uu isaa ijaafi gurra Addunyaan waan geessaaniif galatoomaa.

Dhumarratti barri 2016 bara Araaraa, dhiifamaa, tokkummaan Oromoo itti itituufi sabdaneessummaan keenya daran itti dagaagu nuuf haa ta’u jechaa barichi bara Oromoon wal dhaggeeffatee garaagarummaa ilaalchaa jiru mariifi marabbaadhan furachuun nageenya waaressee misooma saffisisuuf xiiqiin hojjetu akka ta’uuf waamicha koo isiniif dhiyeessa.

Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 27/2016
Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment