Irreechi Malkaawwan Caffee Tumaa, Ateetee fi Sabbataa miidhaginaan kabajame xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2017 (FBC)- Irreechi Malkaa Caffee Tumaa, Malkaa Ateetee fi Malkaa Sabbataa karaa safuu fi duudhaa isaa hordofeen kabajamee xumuramuun ibsame.

Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaanis Ayyaanni Irreechaa malkaawwan kanneenitti kabajame karaa duudha isaa eeggateen akka xumuramuuf tumsan hunda galateeffataniiru.

Guyyaa har’aa Ayyaanni Irreechaa Malkaawwan sadan Malkaa Caffee Tumaa, Malkaa Ateetee fi Malkaa Sabbataa irratti karaa safuu fi duudhaa Irreechaa hordofeen kabajamee xumuramuun isaa ummanni keenya ummata aadaafi duudhaa isaatiif bakka guddaa kennu, nagaa jaalatuufi keessummaa simatu ta’uu kan mirkaneessedha jechuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment