Irreechi Malkaa Dooshaa Kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2017(FBC)–Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Irreechi Malkaa Dooshaa haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Dooshaarratti Abbootiin Gadaa, Haadholii Siinqee, qeerroo fi qarreen, jiraattoonni magaalaa Asallaa fi naannawaa ishee argamaniiru,.

Irreechi Malkaa Dooshaa duudhaa fi aadaa hawaasa Arsii calaqqisiisurra darbee, walooma, nageenyaa, kabajaa fi tokkummaa sabaafi sablammootaa cimsuu keessatti gahee guddaa qabaachuun eerameera.

Irreechi utubaa sirna gadaa, ayyaana galataa, waloomaa, araaraa, fakkeenyaafi dhiifamaa tauun ibsameera.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment