Irreechi Malkaa Baaroo kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)-Irreechi Malkaa Baaroo duudhaa aadaa haala eeggateen Magaalaa Gaambeellaatti kabajame.

Sirni Irreechaa kun jala bultiirraa eegalee sirnoota garaagaraatiin kabajamaa kan ture, har’a ammoo Malkaa Baarootti sirni kabajaa Irreechaa gaggeeffameera.

Sirnicharratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, hawaasni Magaalichaa fi keessummoonni biroon argamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment