Irreechi Malkaa Ateetee har’a kabajame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC)- Irreechi Malkaa Ateetee har’a magaalaa Buraayyuutti kabajameera.

Kabaja ayyaanichaarratti Abbootiin Gadaa,haadholiin siinqee,qeerroo fi qarreewwan argamaniiru.

Ayyaanicha irratti kan hirmaatan jaarsoliin Gaamoo Oromoo fi Gaamoon aadaa bareedaa fi baay’ee walfakkaatu akka qaban dubbataniiru.

Irreechi walitti dhufeenya sabootaa caalmatti ni cimsa jedhaniiru.

Hirmaattonni irreecha malkaa Ateetee ,irreechi mallattoo Sirna gadaa jaalalli keessatti ibsamudha jedhaniiru.

Ayyaanni irreecha malkaa Ateetee karaa vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amuun kabajameera.

Dhugaasaa Fufaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment