Irreechi Hora Harsadee karaa duudhaasaa eeggateen kabajamee xumurameera-Poolisii

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)-Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee, namoonni kuma Kitilaan lakkaa’aman irratti hirmaatan karaa duudhaasaa eeggateen kabajamee xumuramuu Komishinii Poolisii Oromiyaa beeksise.

Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee bara 2017 Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, hooggantoonni mootummaa, keessummoonni biyyoota gara garaa fi biyyoota ollaarraa dhufan akkasumas tuuristoonni irratti hirmaatan milkiin xumurameera.

Qaamolee ayyaanichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaachan, Uummata Oromoo, sabaaf sablammootaafi jiraattota magaalaa Bishooftuu hunda akkasumas Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, koreewwan qopheessituu ayyaanichaafi qaamolee nageenyaa waloo hunda galateeffateera.

Fuulduratti Kabaja Ayyaana Ateetee Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti kabajamus, nagaan akka xumuramuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisu cimsee itti fufuu akka qabu Komishinichi waamicha dabarseera.

Comments (0)
Add Comment