Irreechi Hora Finfinnee nagaan xumuramuun milkii olaanaadha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC)- Irreechi Hora Finfinnee nagaan kabajamee xumuramuun milkii olaanaadha jedhan Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,

Ummanni Oromoo ummata guddaa, aadaa, duudhaafi safuu isaa eeggatu waan ta’eef Irreechi mallattoo nageenyaa, araaraa, dhiifamaafi tokkummaa ta’uu mirkaneesseera jedhaniiru.

Ayyaanni kun miidhagaafi hawwataa ta’ee safuufi safeeffannaan duudhaa obbolummaa sabaaf sablammoota gidduutti dagaagsuun kabajamee xumuramuu isaatiif uumaaf galata galchaa qaamoleen milkaa’ina sagantichaaf gumaachan hunda galateeffataniiru.

Qaamolee nageenyaa federaalaa, Oromiyaa fi Magaalaa Finfinnee, Qeerroo fi Qarree, abbootii Gadaa fi Haadholii siinqee, jiraattota Magaalaa Finfinnee akkasumas hooggansi sadarkaan jiran qindoominaan milkaa’ina ayyanichaaf hojiilee hojjetaniif galateeffataniiru.

Miidiyaaleen biyya keessaafi alaa ayyaana aaddaa miidhagaafi hawwataa kana ijaa fi gurra ummata addunyaan ga’aniis galateeffataniiru.

Irreechi Hora Har-Sadees akkuma Irreecha Hora Finfinnee karaa tasgabbii qabuun, bifa duudhaafi aadaa madaaluun akka kabajamu qaamoleen hundi tumsa barbaachisaa hunda akka taasisan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment