Irreechi Hora Finfinnee irree guddummaa Oromoo karaa mirkaneesseen miidhaginaa fi faay’ameen kabajame – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2016 (FBC) – Irreechi Hora Finfinnee irree guddummaa Oromoo karaa mirkaneesseen nagaa fi tasgabbiin kabajamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan ibsaniiru.

Ayyaanicha haala kanaan akka kabajamuuf qaamooleen gahee isaanii baatan hundi galateeffataniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Galatoomaa!

Irreechi Hora Finfinnee irree guddummaa Oromoo karaa mirkaneesseen miidhaginaa fi faay’ama ibsuuf jechi nama hanqatuun karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka kabajamuuf qaamooleen gahee keessan baatan hundi galatoomaa!
Abbaa duudhaa gabbataa kan taatan uummatni Oromoo calaqqee eenyummaa keessanii kan ta’e Irreecha Hora Finfinnee irratti tokkummaaf obbolummaa dhugaatiin dabaalamtanii duudhaa jaalalaaf hammattummaatiin obboloota keessan waliin faaya addaa goonfattanii ayyaana kana milkeessuu keessaniif baga gammanne baga gammaddanin jedha.

Kabajni ayyaana irreecha hora Finfinnee bara kanaa akkaataa kanaan duraa irraa bifa adda ta’een Oromootni miiliyoonotaan lakkaahaman kan irratti hirmaatan, sabaa fi sablammoota biyyatti hedduun uffannaaf agarsiisa aadaa isaaniitiin miidhaganii kan irratti wal gahan, darbees lammiileen biyyoota garaa garaa gammachuun kan qooddatan ayyaana addunyaalessaa ta’ee ifee addunyaatti mul’achuu kan danda’edha.

Irreechi “Faajjii tokkummaa fi obolummaati akkuma jenne” ummanni Oromoo kabaa hanga kibbaa, Bahaa hanga Dhihaatti garaagarummaa tokko malee, ibsituu eenyummaa keessaniitiin faayamtanii karaa guddummaa keessaniin walmadaaluun naamusa, safuu fi safeeffannaa ol’aanaadhaan biyya Tufaa munaa Hora Finfinneetti faajjii Guddummaa keessani waan agarsiiftaniif galannin isiniif qabu jechaan kan ibsamuu miti. Galatoomaa!

Abbootiin Gadaa fi Hadhooliin Siinqee jala bultii ayyana Irreechaa irraa jalqabee nagummaa Irreechaaf nageenya lallabdan, waaqa uumaa fi uumamaa irraa araara nuuf kadhattan, milkiin keessaniin hoofkalle waan ta’eef, gumaacha keessaniif galanni kiyya ol’aanaadha.

Qaamoleen nageenyaa sadarkaan jirtan qorra fi aduu osoo hin jenne, nuffii fi of dagannaa tokko malee Irreechi hofkalee faajjii tokkummaa fi miidhagina Oromoo ta’ee akka xumuramuuf, gumaachi isin taasiftaniif karaa onneerraa madden galatoomaa jechuun barbaada.

Foollee fi Shamarraan Oromoo, gama tokkoon ibsituu eenyummaa Oromummaatiin faayamuun turiizimiin aadaa Oromoo sadarkaa ol’aanaarra gahuu isaa addunyaadhaaf mul’istaniittu. Gama biraatiin ammoo diinni kufaati fi salphina Oromoo hawwu qaawwa akka hin arganne taasisuun nagummaa fi milkaa’ina irreechaa keessatti guddummaan Oromoo tiskuuf gaachana taatanii waan gumaachitaniif galanni keessan dachaadha.

Dhaabbileen miidiyaa hundi, jalaa bulti ayyaana Irreechaa irraa jalqabee maalummaa fi sona ayyaanichaa addunyaan akka beeku taasisuurraa eegalee, dadamaqiinsa ol’aanaa uumuudhaan gumaachi taasiftan ol’anaadha. Irreechi faajjii tokkummaa fi obolummaa, madda turiizimii fi ayyaana guddaa ummanni miliyoona hedduun lakaa’amu bahee kabaju ta’uu isaa addunyaan akka beeku taasisuun olitti, ayyaanichi duudhaa isaaf maluun nagaan jalqabee akka xumuramuuf gumaacha taasiftaniif galanni koo guddaadha.

Ida’amni eenyummaa tokkoon tokkoo keenyaa miidhagina waloo akka Itoophiyaatti qabnuudha jechuun, sabaa fi sablammoonni oboleeyyanii fi kanneen biyya alaatii dhuftan, faaya eenyummaa keessaniin ayyaana Irreechaa irrattii miidhagina dabalataa gumaachuun obolummaa dhugaa fi aantummaa qabdan waan nuuf mirkaneessitaniif galatoomaa jedheera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Ummanni Magaalichaa; faayawwan nama hawwatanii fi miira namaa booji’an guutuu magaalaatti uwwisuu irraa jalqabee dadamaqiinsi jala bulti taasisuun simannaan ulfina keessummoota Irreechaaf taasiftan kabaja ol’aanaa ummata Oromootiif qabdan kan agarsiiseedha waan ta’eef hedduu galatoomaa!

Akka waliigalaatti Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee karaa nagaa fi duudhaa ayyaanichaa ibsuun jalqabee akka xummuramuuf qaamolee gahee keessan bahatan hundaan baga milkoofne jechaa, ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee guyyaa boruu magaalaa Bishooftuutti kabajamus bifuma walfakkaatuun milkaa’inaan akka xumuramuuf gahee isinirraa eegamu kutannoo barameen akka bahattan amaanaa jechuun barbaada.

Galatoomaa!
Fiqaaduu Tasammaa
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment