Irreechi Hora Finfinnee fi harsadee milkiin xumuramuun guddummaa Oromoo kan mul’isedha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)-Irreechi Hora Finfinneefi Hora Arsadee milkiin xumuramuun guddummaa Oromoo roga hundaan kan mul’iseedha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis haala midhagaa ta’een xumuramuu Irreechaa ilaalchisuun ibsa baasaniiru.

Guutuun Ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee milkiin qajeelee; gufuufi gufaata malee ofkallee xumuramuun guddummaa keenya mirkaneessee jira.

Kanaanis Oromoon uummata nagaa jaallatu; tokkummaafi obbolummaafis bakka kennu, gochaanis safuufi safeeffannaan kan guutame ta’uu isaa irra deebiin waan mirkaneessitaniif maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isin galateeffachuun barbaadaa; galatoomaa!

Abbaa ayyaanichaa kan taataniifi sirnicha eegdanii ulfoof ulfina malu laattanii wal harkaa fuudhinsa dhalootaan har’aan kan geessan egeree ijaaruufis imaanaa harkaa qabdaniin raajii dalaguuf jirtu.

Waadaa abboota keenya irraa fuunee bakkatti eegnee aarsaa isaan kaffalanis injifannoon ol qabnee firii dadhabbii isaaniin har’a uummanni keenya bilisummaa guutuun eenyummaafi miidhagina aadaasaa addunyaatti agarsiisuu bira darbee maqaa biyya keenyaa rogaa gaarii irratti ijaaraa jira. Kun injifannoo guddaadha.

Milkiin Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti duraa duubaan arganne walooma jabaa qabaachuufi haammataa ta’uu keenya kan mirkaneesse; qaamota kufaatii keenya eeganitti qaanii, warra gammachuu keenya nu waliin qooddatanitti ammoo kabaja horee jira.

Kanaanis tokkummaan jiraannaan waan karoorsine hunda raawwachuu akka dandeenyuufi kan ayyaaneffachuuf argaman waliin ayyaaneffannee kan daawwachuuf dhufanis itita aadaa kuufama baroota dheeraa qabnu daawwachiifnee milkoofneerra.

Kabajamtoota uummata Oromoo Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwan, Qeerroofi Qarreen, hooggansiifi caasaan Mootummaa Naannoo keenyaa sadarkaan jirtan, caasaaleen nageenyaa naannoo Oromiyaafi Federaalaa, waliigala uummanni naannoo keenyaa hundi guyyaa jala bultii irraa kaastanii hanga xumuraatti ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbii qabuun akkasumas hirmaattoonni ayyaanichaa rakkoo tokko malee nagaan ba’anii akka galan waan gootaniif galanni keessan guddaadha.

Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa akkasumas keessummoonni Idil Addunyaa sirna keenya nu waliin hirmaachuun kabaja, jaalalaafi obbolummaa nuuf qabdan waan nutti agarsiiftaniif maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatomaa jechuun barbaada.

Diyaaspooraan keenya biyya alaa jiraattanis waamicha isiniif taasifameef ulfina kennitanii karaa fagoo qaxxaamurtanii gara maatiifi biyya keessanii dhufuun Ayyaana Irreechaa nu waliin dabarsitanis waan nu kabajjaniif kabaja argadhaa.

Jiraattonni Magaalaa Finfinneefi Bishooftuu keessummoota kabaja Ayyaanichaatiif gara Magaalaa keessanii dhufan fuula ifaafi miira obbolummaan guutameen simannaa taasisuun waan nu boonsitaniif galatatu isiniif mala.

Miidiyaaleen biyya keessaafi biyya alaa Afaanota garaagaraatiin ogummaa keessaniif amanamtanii ayyaanni Irreechaa mallattoo araaraafi nagaa, faajjii tokkummaafi obbolummaa ta’uu isaa ijaafi gurra uummata addunyaan waan geessaaniif galatoomaa.

Dhumarrattis obbolummaafi tokkummaa; dhiifamaafi jaalalaa akkasumas nagaaf nageenya duudhaa Irreechaa irraa dhaalle horata taasifannee bara 2017 Irreecha keenya haaromsa aadaaf oolchinee, misooma jalqabne damee hundaan kan itti milkeessinu, bara tokkummaan Oromoo itti itituufi sabdaneessummaan biyya keenyaa daran itti dagaagu nuuf haa ta’u jechaa nagaan ofkaltanii akkuma dhuftan ofkalaa nagaan maatiif waatiitti galaa!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment