Irreechi Hora Finfinnee duudhaa isaa eeggatee nagaan xumurameera-Humna Waloo

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC)- Kabaji Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee haala hawwataa ta’een sirnaa fi duudhaa isa eeggatee nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.
 
Humnichi waloo qaamolee ayyaanichi akka nagaan xumuramuuf gumaachaan hundaa galateeffateera.
 
Irreecha Hora Finfinnee bara 2015’rratti Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Sabaa fi Sabalammoota, Tuuristoonni alaa fi kenanneen biroon hirmaachuu ibsuun, ayyaanichi nagaan kabajamee xumuramuu beeksiseera.
Qaamoleen nageenyaa qorannoo yakkaa fi balaa tiraafikaa ittisuurratti xiyyeeffannaa kennuun miseensotaa fi hoggansa ramaduun, deeggarsa ummataan hojiilee hojjeteen ayyaanichi nagaan gaggeeffamuu ibseera.
 
Jiraattota Magaala Finfinnee, qindeessitoota ayyaanichaa, hoggansa, keessummoota ayyaanicha hirmaachuuf dhufan, miiraa obbolummaan kabajuu bira darbee, qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun nageenyummaa ayyaanichaaf utuu hinnuffin itti gaafatamaa isaani ga’umsaan bahachuun Irreechi Hora Finfinnee nagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment