Irreechi Hora Finfinnee bara 2017 nagaan xumurame – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) – Irreechi Hora Finfinnee bara 2017 nagaan xumuramuu Poolisiin Federaalaa ibse.

Ayyaanni hirmaattoota miiliyoonaan lakkaawwaman hirmaachise Horri Finfinnee rakkoo tokko malee haala duudhaa fi aadaa isaa eegeen kabajamee xumuramuu himeera.

Keessummoonni biyya keessaa fi alaa akkasumas Turistoonni hedduun kan irratti hirmaatan Irreechi Hora Finfinnee gufuu tokko malee tasgabbii fi namuusa addaan kabajamee xumuramuu Poolisiin Federaalaa eereera.

Ayyaanichi nagaan xumuramuun maqaa biyyaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibseera.

Kabajni Ayyaana Hora Finfinnee karaa nagaan akka xumuramu qaamolee qooda qaban hunda galateeffateera.

Haaluma walfakkaatuun Ayyaanni Hora Harsadii nagaan akka xumuramu kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa tumsa taasiisan cimsanii akka itti fufan gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment