Irreechi Malkaa Baaroo boru kabajama

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Naannoo Gaambeellaatti Irreecha Malkaa Baaroo boru kabajamu sababeeffachuun magaalaa Gaambeellaatti mariin paanaalii gaggeeffame.

Maricharratti Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Gaambeellaa Gargaaraa Piroofeesaraa Obaangi Ochaalaa naannichatti ayyaanni Irreechaa marsaa 2ffaaf kabajamu baga nagaan geessan jedhaniiru.

Irreechi nageenya, obbolummaa, dhiifamaafi araarata’uu eeruun, duudhaaleen hariiroo obbolummaa Ummata Oromoofi Gaambeellaa daraan cimsuuf hojiirraa akka oolu hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Gaambeellaa Aadde Baanchaayyoo Dhungataa ayyaanni Irreechi Oromoo bacaqii gannaa irraa gara ifaatti ba’uu isaaf Waaqa kan itti galateeffatu ta’uu dubbatan.

Duudhaalee irreechaa ummanni naannichaa hojiirra oolchuun hariiroo ummatoota lameenii caalaatti cimsuu qabna jedhaniiru jechuun ragaan Waajjirri Pirees Sekireetaariyaatii Naannoo Gaambeellaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment