Irreechi Hiree Nagaafi Araaraati – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Irreechi Hiree Nagaafi Araaraati jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala argamaan gadiin dhiyaateera.

Kabajamaa Ummata Oromoo,
Kabajamtoota Ummattoota Itoophiyaa,
Duraan dursee baga bacaqii baatanii gara booqaa birratti ceetan, baga ittiin isin gahe jechuun barbaada.

Argachuufi dhabuu, quufaafi beela, milkiifi hanqina, guutuufi hir’ina, dabarsine hunda keessatti kan nu waliin ture Uumaa keenya Waaqayyoon galateeffachuu aadeffanneerra. Irreechi ayyaana galateeffannaa ummata Oromooti. Kanaafuu, hunda dura Uumaan rakkoo uumamaafi nam-tolchee nu dandamachiisee, gufuu xiqqaafi guddaa irra nu aansee, ifa birraa nu agarsiise haa ulfaatu, haagalatoomu!

Ummanni Oromoofi Itoophiyaanonni hundi baga geessan; Baga waliin ittiin nugahe!

Gaaffiiwwan ‘Namni Uumaaf nagayaa?; Uumamaaf nagayaa?, Namni waliif nagayaa?’ jedhaman Irreechaaf Malkaa bu’uun dura gaafatamuun kan baratameedha. Kan waldhabe, afaan walitti darbe, walitti mufate osoo irreeffannaaf Malkaatti hin qajeelin dura waliif araaramuu qaba. Uumaa galateeffachuun dura Uumaafi uumama waliin araaramuutu duudhaafi safuu baratameedha. Weedduun galata Uumaa, “Mareehoo…….Mareehoo” jechaa jiidha harkatti qabatanii, miidhagina jamaatiin Malakaatti gadi qajeelan sun mallattoo tokummaa, hiree nagaa ayyaana Irreecha Birraa Oromooti.

Kanaafis, namni Irreecha beeku gadoo lagatee, Nagaa lallaba. Jaalalaafi tokkummaa, waltumsaafi obbolummaan qajeeltoo isaati. Kenna kabajamaa Uumaarraa argateef beekamtii kenna.

Waloomaafi waliin jireenya uumamaa dinqifachaa Uumaaf galata galcha. Harka qalleessa of harkaa dhabe ni hirpha, ni deggera; Kan daare daara baasa; mijuu waliin qooddatee gammachuu hira. Hireen nagaa Irreecha keessa jiru, hiika daangaa ofii keessatti nagaan taahuufi jiraachuun olitti waliif birmachuu of keessaa qabuudha. Irra deebiin baga ayyaana Irreechaa bara 2016 geessan, baga gammaddan jechuun fedha.

Irreechi hiree haqaafi walqixxummaa, dirree jaalalaafi tokkummaati. Irreechi gaaddisa Gadaa jamaa guddaa walitti qabu, obbolummaafi waliin jireenya lallabuufi michummaa ummattoota obbolaa olqabu taheera. Duudhaa mandhalee keenyaan walitti qabamnee, harka walqabannee, gufuuwwan nu danqan buqqisuun har’aafi egeree keenya miidhagaa godhachuuf jabinaan hojjechuu qabna.

Gadaan kun kan quufaafi gabbinaa, kan nagaa fi araaraa, kan hojjennee itti milkoofnu, kan oomishnee dachaa dhibbaan itti hammaarrannu akka nuuf tahun hawwa. Bara milkiin mataa ol itti qabannu, bara gadoofi gadadoo injifannee guddummaafi beekumsa ummata keenyaa addunyaatti mul’isnu nuuf haatahu.

Sirna guddaa akka ayyaana Irreechaa kana akka meeshaa tokkummaa keenya cimsuutti qabannee, kiyyoo fagoofi dhiyoo imala badhaadhinaa keenyarratti aggaamame hunda ciruudhaan kaayyoofi mul’ata qabanne milkeessuun bara imala seenaa qabeessa itti milkeessinu nuuf haata’u.

Gadaan Quufaafi Gabbina!!!
Barri Kan Milkiifi Injifannoo Nuuf Haata’u!!!
Itoophiyaan tattaffii ijolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haa jiraattu!!

Uumaan Itoophiyaafi uummatashee haa eebbisu!

Fulbaana 25/2016

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment