Irreechi har’arraa eegalee qophiilee garaagaraan kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ayyaanni Irreecha baranaa har’arraa eegalee qophiilee garaagaraatiin guyyoottan itti aanaaniif kan kabajamu ta’uu Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa Beeksise.

Ittaanaan Koomishinaraa Koomishinichaa Obbo Naggaa Wadaajoo akka ibsanitti, ayyaanicha ilaalchisee argisiisni faashinii, beekamtii fi badhaasnii qaamolee Oromiyaatti damee tuuriizimiirratti bobba’anii ni gaggeeffama.

Ayyaana Irreechaarratti hirmaachuuf gareen jilaa 250 Keeniyaarraa akka dhufan eeruun, egzibiishinii dabalatee sagantaaleen aadaa Oromoo beeksisuuf qophaa’an akka gaggeeffaman Obbo Naggaan ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisaa gama isaaniin, ayyaanni Irreechaa baranaa “Irreecha fakkeenya nageenyaa fi obbolummaa” mata duree jedhuun akka kabajamau ibsaniiru.

Irreechi aadaa Oromoo biratti bakka olaanaa kan qabu fi qaama Sirna Gadaati jedhaniiru.

Irreechi, waggaatti yeroo lama Irreecha Malkaa fi Tulluun kan kabajamuudha jedhan.

Ayyaanonni kunneen yeroo ummanni nagaa fi araara buusu, Oromoonis nageenyaaf bakka olaana akka kennu kan argisiisu dubbachuu EBC’n gabaaseera.

Irreechi bara 2015 Hora Finfinnee fi Hora Harsadee dabalatee Oromiyaa naannawaa garaagaraatti kan kabajamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment