Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Irreechi sabaafi sablammii akkasumas amantaa gargar hin qoodu, irreechi haammataadha jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa.
Guyyaa kaleessaa sabaafi sabalamoonni Ityoophiyaa magaalaa Finfinneetti argamuun ayyaanicha kabajuu eeruun, har’as ayyaana Irreechaa Hora Harsadee kabajuuf barii barraaqaarraa eegalee magaalaa Bishooftuu gara Hora Harsadeetti imalaa jira jedhan.
Akkuma Kaleessa sabaafi sabalammiin hundi magaalaa Finfinneetti argamuun ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabaje, har’as magaalaa Bishooftuutti haala ho’aa ta’een akka kabaju gaafachuun hundi nageenya ayyaanichaaf tumsuu qaba jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.