Irreechi haala maqaa gaarii biyyaa calaqqisiisuun akka kabajamu gahee keenya ni bahanna-Dargaggoota

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Irreechi karaa duudhaa isaa eeggatee fi maqaa gaarii biyyaa haala calaqqisiisuun akka kabajamuuf gahee isaanii akka bahataan daraggoonni Magaalota Shaggarii fi Finfinnee ibsan.

Irreecha ilaalchisuu waltajiin marii waloo dargaggoota Magaalota Finfinnee fi Shaggar hirmaachise gaggeeffameera.

Itti Gaafataman Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee obbo Balaay Dajan, Irreechi ayyaana tokkummaa cimaan kabajamuu tahuu dubbatan.

Itti Gaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhina Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu gama isaaniin Irreechi ummata Oromoo akka mallattoo tokkummaa, nagaa fi obbolummaati kan ilaalamu ta’uu ibsan.

Dargaggoonni Magaalaa Shaggar, Kabajni Ayyaanichaa karaa dudhaaf i safuu isaa eegeen akka kabajamuuf dargaggoota magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Irreechi Ayyaana lammiileen ala afi keessaa miiliyoonaan lakka’aman irratti hirmatanii ta’uu eeruun, milka’ina ayyaanichaaf daraggoonni magaalotaa lameenii qindoominaan akka hojjetan dhaamuu ragaan kominikeshinii Magaalaa Shaggarirraa argame ni mul’isa.

Darggoonni magaalotaa lameenii waltajjicharratti hirmaatanis Irreechi karaa duudhaa isaa eeggatee fi maqaa gaarii biyyaa haala calaqqisiisuun akka kabajamuuf gahee isaanii akka bahataan himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment