Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan ergaa baga geessanii Ayyaana Irreechaa dabarsaniiru.
Irreechi falaasama Oromoon humna uumaa isaa ittiin ibsu, uumama dachee ittiin leellifatu, iccitii guddummaa Rabbii ittiin beeksisuudha jedhan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Irreechi Oromoof guyyaa addaati. Sirni irreeffannaa ummanni keenya birraa barii malkaatti bahee uumaa waa mara eebbisee tolchee kenneef galanni dhiheessu kun eenyummaa Oromummaa ganamaan kan gabbatedha. Dhaloota dhufee darbuun guddachaafi bal’achaa kan har’a gahedha. Oromoon saba guddaa dachee uumamaan badhaate irra qubatee jiraatu, duudhaaleefi aadaa badhaadhaa qabuunis ummata beekamudha.
Oromoon, umurii, koorniyaafi amantaan osoo wal hin qoodiin, safuufi sona Irreechaa kabajuun Abbaa Gadaan hoogganee, Haadha Siinqeen qajeelchee, Abbaa Malkaan Malkaa saaqe, faaya aadaan miidhagee, daraaraa keelloofi marga jiidhaa qabachuun uumaafi uumama dinqisiifachaa birraa waggaan maree dhufuun kan isa gaheef galata qabatee, weedduuwwan qalbii namaa hawwataniin dabaalee malkaa ulfootti barii barraaqaan bobba’a.
Falaasamni Oromoon addunyaa kana irratti humna uumaa isaa ittiin ibsu, uumama dachee kanaa ittiin leellifatu, iccitii guddummaa Rabbii ittiin beeksisu kun Irreecha. Dinqisiifannaa uumaafi uumama gidduu jiru kan ittiin mul’isu, dukkanni wayita ifatti cehuuf deemu lafa barii ka’ee malkaa taliila’ee buletti irreeffata.
Uumaan rooba samii bu’uun lafa jiisa. Qonnaan bulaan abdii uumaa isaa irraa qabuun oyiruu isaa irratti sanyii facaafata. Sanyiin faca’es margee, aduu dhihee bari’uun guddatee baala baasee lalisa; baalli lalise kunis daraaree firii kenna. Firiin ammoo bilchaatee gootaraa guutee soorata namaafi lubbu qabeeyyiiwwan biroof oola.
Akkanaan uumamni arjooma uumaa isaa irraa argateen miidhagee jiraata. Wayita kana Oromoon goleewwan Oromiyaa hundaafi biyya alaa irraa bahee walarga. Hariiroo hawaasummaa isaas jabeessa. Tokkummaa isaa cimsee sabboonummaa leellisa.
Aadaafi duudhaa ganamaan miidhagee mul’ata. Diinagdee biyyaas utubee guddinaafi badhaadhina dhugoomsa. Kun seera uumaafi uumamaati. Oromoon miiliyoonotaan birraa barii malkaatti bahee wayita irreeffatu dhugaan harkaa qabu hundaafuu ifee akka mul’atuufi.
Irreechaan obbolummaa dagaagfata. Tokkummaan bahee addunyaatti mul’ata. Isa darbeef galata, kan dhufuuf kadhata. Imala isaa keessatti kan waldhabeef araara, qalbii nagaa dheebotteef dhiifama taasisa. cehee nagaafi tasgabbii lammii isaa mirkaneessuun injifannoo gonfachiisa.
Kunimmoo, falaasamaafi qaroomina Oromummaa ganamaati. Sabni guddaan Gaanfa Afriikaa irraa akka bakkalcha barii goobanee faaya aadaan birraa barii ifee mul’atu kun, calaqqee eenyummaa isaa kan ta’e, Irreecha irratti sabaafi sablammii biyyaa waliin obbolummaa dagaagsee, nageenya labsa; araaras kadhata; jaalala qabatee, gammachuun irreeffata. Seenaa waloo barootaaf waliin qooddachaa tureen biyya ijaaree ceessisuufis waadaa gale haaressa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Ardaawwan jilaafi bakkeewwan ulfoo ummanni keenya itti fayyadamaa ture qabeenya saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa hundaa ta’uu irra cehee Gaanfa Afriikaatti horata sabni guddaan kun ittiin beekamu akka ta’aniif hojii ni jalqabe malee hin xumuurre.
Waloomaan biyya ijaaruun, obbolummaa dagaagsuun, tokkummaa walqixxummaa irratti hundaa’e cimsuun, duudhaa Sirna Gadaan diinagdee utubee, hawaasummaa jabeessuun qooda ijaarsa biyyaa keessatti ummanni kun qabu adda durummaan akka bahatuuf hojjechuu irratti argama.
Caffeen Oromiyaas, falaasama, aadaa, duudhaafi qorqalbii ummata Oromoon kan ijaarame, mallattoo ummata kanaati. Waggoottan jijjiiramaa dabarsine keessatti duudhaalee Oromummaa kaleessaan ummanni keenya egeree isaa akka tolfatuuf waadaa galeen hojiiwwan hojjechaa jiru cimsee itti fufa.
Oromoon biyya keessaafi alaa walitti dhaammatee, Irreecha Hora Finfinneefi Hora Ar-sadeetti beellamatee, beellama isaa kabajuuf seera aadaa irreeffannaa guutee, faaya aadaan miidhagee, uumamaan uumaa isaa galateeffachuuf qophii xumuuree hawwiin eegaa jira.
Ummata keenyaafi sabaafi sablammii hundaan irra deebi’ee guyyaa kabajamaafi eebbifamaa kanaan baga ittiin isin gahe; baga waliin nu gahe jechaa, Irreechi bara kanaa kan nagaa, milkii, tokkummaafi badhaadhinaa akka nuuf ta’uuf hawwiin qabu ibsa. Warra Baranaa Kan Bara Egeree Nu Haa Taasisu!
Sa’aadaa Abdurrahmaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Fulbaana 24 Bara 2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia