Irreechi Faajjii Tokkummaa fi Obbolummaati – Gumii Balal marsaa 34ffaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC) – Mariin Gumii Balal marsaa 34ffaan haala kabaja Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadii bara 2016 irratti gaggeeffamaa jira.

Gumiin Balal marsaa 34ffaan Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii Fulbaana 26fi 27 bara 2016 kabajamu sababeeffachuun mata duree ‘Irreechi: Faajjii Tokkummaafi Obbolummaa’ jedhuun Galma Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Ministirra Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa maricharratti argamaniiru.

Ministirri Minsteera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan haasawaa taasisaniin irreechi dhiifama kan ittiin waliif taasisan fi obbolummaa kan cimsudha jedhan.

Mariichaarrattis qorannnoon ka’umasaa “Maalummaa Irreechaa” Yuuniivarsiitii Jimmaatiin gaggeeffame dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment