Irreechi duudhaa nageenyaa gabbisuuf faayidaa olaanaa qaba – Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Irreechi duudhaa nageenyaa gabbisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu himaniiru.

Ayyaanota Ummataa duudhaa fi aadaa miidhagaan kabajaman keessaa Irreechi hangafa ta’uu ergaa isaaniin eeraniiru.

Duudhaa fi Aadaa Kabaja Irreechaa gabbisuun ijaarsa biyyaaf oolchuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Irreechi Damee Turizimii cimsuun diinagdee biyyaa guddisuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Ayyaana kana waltajjii idil addunyaarratti beeksiisuu, eeguu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu ergaa isaaniin himaniiru.

Ayyaanichi ayyaana jaalalaa, tokkummaa, Obbolummaa, Araaraa, nageenyaa fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment