Irreechi calaqqee jaalalaa, araaraa fi tokkummaati- Aadde Alamituu Umood

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Aadde Alamituu Umood ergaa baga geessanii ayyaana Irreechaa bara 2017 dabarsan.

Irreechi calaqqee jaalalaa, araaraa fi tokkummaa ta’uu ibsaniiru.

Irreechi qabeenya Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa ta’uurra darbee ayyaana guddaa mallattoo tokkummaa ta’uu eeraniiru.

Ayyaana Calaqqee tokkummaa, galataa, araaraa, nageenyaa fi jaalalaati jedhan.

Ayyaanicha akkaataa duudhaa fi aadaa isaa eegeen dhaloota itti aanuuf dabarsuun barbaachisaa ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.

Baga ayyaana obbolummaa, jaalalaa, araaraa fi nageenyaa kana nagaan keessan jedhuun hawwii isaanii ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment