Irreechi baranaa Fulbaana 26 fi 27 kabajama

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)- Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Arsadee Fulbaana 26 fi 27, 2016 akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksiise.

Irreechi baranaa dhahaa Oromoo bu’ureffachuun Fulbaana 26 Hora Finfinneetti, Fulbaana 27 ammoo Hora Arsadeetti sirna ho’aan kan kabajamu ta’uu Barreessaan Gamtaa Abbotii Gadaa Oromoo fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa himaniiru.

Irreechi ayyaana galataa, tokkummaa fi jaalalaa ta’uu eeruun ayyanicharratti hirmaachuuf biyya keessaas ta’e alaa kan hirmaatan hundi uffannaa fi faaya aadaan midhaguun akka kabajaman gaafataniiru.

Kabaja ayyaana irreechaarratti mallatoollee fi wantoota kabaja ayyaanichaa bakka hinbuune irra bilisa ta’uun barbaachisaa ta’uus Abbootiin Gadaa himaniiru.

Calaqqee eenyummaa fi tokkummaa Oromoo kan ta’e Ayyaana Irreechaarratti kan hirmaatu hundis safuu fi sirna ayyaanichaa eeguun akka kabajan yaadachiisaniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment