Irreechi bakka nagaan itti labsamu, bakka araaraa fi dhiifamaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 14,2013(FBC)- Irreechi bakka nagaan itti labsamu, bakka araaraa fi dhiifamaa ta’uun ibsame.
Irrechi bakka duudhaan Oromummaa itti mul’atuu fi bacaqii Gannaa keessaa bahee booqaa Birraatti cehuusaa walitti bahuudhan uumaa fi uumama itti galateeffatudha jedheera Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Biirichi kabaja ayyaana Irreechaa baranaatif qophiin taasifamuu beeksiseera.
Irreecha bara kanaa yeroo kabajnu garuu dhibee kooronaa addunyaa gaaga’ee, lammii hedduu miidhaa jiru irraa of eeguudhaan ta’uu akka qabu Abbootiin Gadaa dhaamsa dabarsuu isaaniis yaadachiisera.
Kanaafuu sababa kabaja ayyaana kanaatin dhibee kanaaf saaxilamuurraa of qusachuu qabnaan ergaa dabarseera.
Ofeeggannoo cimaa taasisuun maatii fi lammii keenya dhibee daddarboo kanarraa baraaruu keessatti gahee keenya bahachuuf waadaa keenya yeroo itti haaromsinu ta’uu qabas jedheera.
Kabajni ayyaana Irreechaa maatiirraa ka’ee gara araddaa, malkaa fi horatti deema. Kanaafuu akka barametti walitti heddummachuun kabajuu osoo hin taane, akka haala qabatamaa biyyaa fi gorsa Abbootii Gadaatiin kabajuu akka dandeenyu dhaamsa walii yaa dabarsinuun waam8icha dhiyeessera.
Fayyaa fi nageenya keenya eegnee naamusa, safuu, duudhaa fi marabbaa Oromummaa eegnee kabajuun egeree keenya miidhagsuun nagaadhaan walitti dhufnee akka ayyaaneffachuu dandeenyu kan taasisu waan ta’eef of eeggannoo cimaadhaan yaa ayyaaneffannu jedheera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment