Irreecharraa walooma, galata, araara fi dhiifama barachuu qabna-Hirmaattota Ayyaanichaa

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Irreecharraa, walooma, galata, araara fi dhiifama akkasumas, nageenya barachuu qabna jechuun hirmaattonni ayyaanichaa eeran.

Irreechi bara 2016 Mata duree “Irreecha Faajjii Tokkummaa fi Obbolummaa” jedhuun Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeetti har’a karaa duudhaa aadaa isaa eeggateen kabajameera.

Ayyaannii irreechaa kan wallolee waldhabdee isaa dhiifamaan bira darbuun, mallattoo nageenyaa, walooma, tokkummaa fi obbolummaa ta’uu hirmaattoonni Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetitti himaniiru.

Haaluma kanaan hirmaattonni ayyaanichaa duudhaa ayyaanichaa eeguun akka kabajan himanii, duudhaalee gaarii Irreechaa kanneen jireenya guyyuu isaanii keessatti raawwachuu akka qabanis kaasaniiru.

Dhiifama, galata, nageenya, walooma fi waliif yaaduu, waliigaltee ummatootaa, tokkummaa fi obbolummaa mirkaneessuu bira darbee, hariiroo gaarii uumuuf kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf, duudhaalee kanneen cimsuun naannawaa garaagaraatti walitti bu’iinsa mul’atan dhabamsiisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment