Irreecha Harsadeerratti namoota miliyoona 7ol simachuuf hojjetamaa jira- Bulchiinsa Magaalichaa

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Irreecha Hora Harsadeerratti namoota miliyoona 7ol simachuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu beeksise.

Ayyaana Irreecha bara kana kabajamuuf qophii gaha taasisaa jiraachuu bulchinsi magaalichaa beeksiseera.

Kabaja ayyaanaa kanarratti keessummoonni biyyaa keessaafi alaa haala gaariin akka irratti hirmaataniif hojjetamaa  jiraachuu kantibaan magaalichaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa himaniiru.

Ayyaanichaarratti namoota miliyoona 7ol simaachuuf bulchinsi magaalichaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Sabaafi sablammoonni ayyaanicharratti hirmaatan karaa nagaan kabajanii akka galaniif Humna Qilleensaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Qeerroofi  Qarreewwanii  akkasumas humnoota milishaaf leenjiin kennamuu himaniiru.

Hawaasa ayyaanicharratti hirmaachuu dhufes haala gaariin simachuuf abbootii qabeenyaa hootelootaa waliin mariin taasifamuu kaasaniiru.

Daandiiwwan magaalichaa gara Hora Harsadee geessan qulqullaa’aa jiraachuu himan.

Jala bultii ayyaanichaarraa kaasee qophiiwwan garaagaraa jiraachuu obbo Alaamayyoon ibsaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment