Irreechaa duudhaafi safuu isaa eegnee kabajuu qabna-A/G Goobana Hoolaa

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)-Ayyaana Irreechaa duudhaa fi safuu isaa eegnee kabajuu qabna jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan.

Irrechaa bara 2017 ilaalchisuun mariin Paanaalii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet qopheessee gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaarratti Abbootiin Gadaa, Haadholii Siinqee, qondaaltonni Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, Komishinii Tuurizimii Oromiyaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaan akka jedhanitti, Irreechi bakka jaalalaa, galateeffannaa, tokkummaa fi araaraa waan ta’eef hirmaattoonni Irreechaa hundi duudhaawwan kanneen eeguu qabu.

Irreechi kan Oromoo fi Itiyoophiyaa ta’uutti dabalataan kan addunyaa akka ta’u karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu hunduu tumsuu akka qabu hirmaattonni marichaa himaniiru.

Dabalee Gaarradootu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment