Irreecha UNESCO’tti galmeessuun hawwatummaa tuuriizimii isaa dabaluu barbaachisa- Hirmaattota

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)-Irreecha, Dhaabbata Barnootaa, Aadaa fi Saayinsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmeessuun hawwatummaa tuuriizimii isaa dabaluun barbaachisaa ta’uu hirmaattonni kabaja ayyaanichaa akeekan.

Ayyaanni Irreechaa Hora Arsadee Bishooftuutti haala miidhagaa ta’een kabajamaa jira.

Hirmaattoonni ayyaanichaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif yaada kennaniin irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, nageenyaa, tokkuummaa fi obbolummaati jedhan.

Sirni Irreeffannaa Horaa Arsadees duudhaa isaa karaa eeggateen kabajamaa jiraachuu himaniiru.

Sirni kabaja ayyaanichaa yeroo gara yerootti miidhagina gonfataa fi hirmaattonni hedduun irratti jhirmaataa jiraachuu kaasanii, fuuldurattis of danda’ee UNESCO’tti akka galmaa’u hojjechuun hawattummaa tuuriizimii isaa dabaluu barbaachisa jedhaniiru.

Keessumaa, tuuristoonni biyya keessaa fi alaa ayyaanicharratti hirmaatan ayyaanicharratti akka hirmaataniif duudhaa isaa beeksisuu fi barsiisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dhimma kanarrattis qaamoleen dhimmichi ilaallatu qindoominaa fi walta’iinsaan hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment