Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC) – Poolisiin magaalaa Finfinnee Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Haaluma kanaan Boru sa’aatii 8:00 irraa eegalee daandiwwan cufaa ta’an ifoomaniiru.

• Daandiin Boolee gara Addabaabayii Masqalaa walloo safaritti,

• Magganaanyaa gara Addabaabayii Masqalaa maqa 22ttti,

• Kiiloo 4 karaa Ministeera Dhimma Alaan gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Paarkii Michummaatti,

• Piyaassaa karaa Charchar gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Addabaabayii Teediroositti,

• Xoor hayiloochii karaa laga harree gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Mana Murtii Olaanaa Liddataatti,

• Daandiin Jamoo karaa Moonniippoolii Tamboon gara Meeksikoo fudhatu Addabaabayii Gamtaa Afrikaatti,

• Qeeraa gara Meeksikoo kan fudhatu Maqa Bulgaariyaatti,

• Daandiin Saaris, Gootaraan gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu qaxxaamura Gootaraatti,

• Bolee gara Mana Amantaa Kiristiyaanaa Uraa’eelii kan fudhatu Hoteela Atilaasitti,

• Awwaaree gara Kaasaanchis kan fudhatu Addabaabayii Dubartootaatti,

• Liddataa safara Geejjaan gara eeggumsa Fayyaa kan fudhatu Addabaabayii Abinnatitti,

• Markaatoo Gommaa taraa gara Ammistanyaa kan fudhatu dhaaba barbareetti,

• Markaatoo karaa Raas Tiyaatiraan gara Gommaa Qoxxobaatti kan fudhatu Addabaabayii Taklaayimaanootiiti kan cufamu ta’uu ibseera.

Hawaasni tajaajila Poolisii argachuu yoo barbaadan sararawwan bilbilaa armaan gadiin eeruu laachuu kan danda’an ta’uu eereera.

Sararoota bilisaa 987, 991, 816 991 yookaa 816 fi 011-1-26- 43-59, 011- 5- 52- 63-02/03, 011-542-40-77, 011-5-54-36-81 odeeffannoo laachuun tumsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment