Irreecha Hora Finfinnee haala gaariin kabajuuf qophiin xumuramaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2016 (FBC) – Irreecha Hora Finfinnee haala gaariin kabajuuf qophiin xumuramaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 26, 2016 magaalaa Finfinneetti kabajamu ilaalchisee hoggantooni olaanaan magaalicha qophii iddoolee ayyaannicha itti kabajamutti taasiifamaa jiru daawwataniiru.

Qophiin taasiifamaa jiru haala gaariirra jichaachuu daawwannichaan hubatamuu ibsameera.

Hojiileen hafan guyyoota itti aanan keessa saffisaan akka xumuramuu jilli kun kallattii kaa’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa dabalatee hoggantoonni Olaanoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa fi hoggantoonni olaanoon kutaalee magaalaa daawwannicharratti hirmaachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment