iraattonni iddoowwan addaddaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad looreetii noobeelii nageenyaa addunyaa ta’uu isaanitiin gammachuu ibsatan

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Jiraattonni iddoowwan addaddaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad looreetii noobeelii nageenyaa addunyaa ta’uu isaanitiin gammachuu ibsatan.

Ummannii fi hoggansi naannoo Hararii, Somaalee magaalaa Jigjigaa, Beenishaanguul, naannoo Kibbaa fi magaalaa Hawaasaa, godinni Walaayittaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad looreetii noobeelii nageenyaa addunyaa ta’uu isaanitiin gammachuu itti dhaga’ame sirnoota addaddaan ibsataniiru.

Sirnicharratti hoggansi olaanoo, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa fi hawaasni argameera.

Ummanni Walaayittaas deemsa miilaa fi hiriiran gammachuusaa ibsateera.

Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umod Ujuluun imala nageenyaa fi badhaadhinaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad eegalan ceesisuuf hunduu ga’eesaa akka ba’atu gaafatan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy noobeelii nageenyaa badhaafamuu isaanitiin gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment