Iraaqitti hospitaala covid-19 keessatti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 82 darbe

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)-Iraaq magaalaa Guddoo Baagidaaditti hospitaala covid-19 keessatti balaa ibidda qaqqabeen lubbuun namoota 82 darbeera.

Balaan ibiddaa kun ‘oxygen tank’ dho’uun  qaqqabbee jedhameera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 82 yoo darbu, 100 kan ta’aan ammoo mada’aniiru.

Hospitaalichi sirna ittisa balaa ibiddaa dhabuun  ibiddichi aariitiin akka babal’atuuf haala mijataa uumeera jedhame.

Muummeen Ministiraa Iraaq Musxafaa Al Kadiimii, balaan qaqqabee ‘sukanneessaadha’ jedhaniiru.

Ka’umsa balichaa aariitiin qulqulleessuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-BBC fi Aljaziira

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment