Iraan Saawud Arabiyaatti Embaasii ishee irra deebiin banuuf garee teekinikaa gara Riyaaditti erguufi jedhame

Finfinnee, Eebla 1, 2015(FBC)- Iraan Saawud Arabiyaatti Embaasii ishee irra deebiin banuuf garee teekinikaa turban dhufu gara Riyaaditti erguuf ta’uu beeksiste.

Iraaniifi Saawud Arabiyaan jaarsummaa Chaayinaatiin waggoottan torba booda hariiroo isaanii haaromsuuf waliigaluun isaanii kan yaadatamudha.

Kamisa darbe Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lameenii Chaayinaa magaalaa Beejiingitti wal arguun mari’achuu ibsameera.

Maricha hordofee Iraan Embaasiishee Saawud Arabiyaa torban dhugu keessa irra deebiin banuuf garee teekinikaa kan ergitu ta’uu eerameera.

Garichi turtiisaan hojiilee Embaasicha irra deebiin banuu dandeessisan hedduu ni hojjetaan kan eegamu ta’uu TRTn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment